My Authors
Read all threads
MAJOR THREAD: Who killed Sgt. Magarsa during JAWAR’S arrest? In Picture and in Afaan Oromoo! Step-by-step!

‼️‼️WAAN KANA CAQASAA! RAGAAN KUN ODEEFFANNOO ANI BILBILAAN HORDOFAA TURE HIDHAMUU JAWARIIN DURA SA’A 1 HAALA TURE WALIIN WALSIMA!‼️‼️
🛑LAKKOOFSA 1: Eegdonni Jawwaarii fi namoonni muraasni yeroo haala shakkiin marsanii eegan.
🛑LAKKOOFSA 2: Eegdonni Jawar dubbiin hammaachuu hubatanii Jawwaaritti maxxananii haala isaan itti lubbuu isaa hambisuuf yaalan. Asirratti Jawar gateettii eegdota lamaanii irraan mataan isaa ni muldhata, gadi jedhee waan waa ilaalu fakkaata. Bilbila ilaala ta'uu danda'a.
🛑LAKKOOFSA 3: Hooggantoonni poolisii oromiyaa lamaa poolisoonni muraasni yeroo eegdota Jawaar hidhannoo hiiksisuuf mariisisan. Yeroo kana hooggantoota malee poolisoonni oromiyaa shira xaxame hin beekna garuuf shakkii qabu ture. Kan itti himame waan biraa ture.
🛑LAKKOOFSA 4: Qawwee eegdota Jawaar irraa hiikamee lafa jiru karaa harka bitaa sirritti ilaalaa suura lakkoofsa shan irratti kan geengoon marfame.
🛑LAKKOOFSA 5: Poolisoonni oromiyaa lakkoofsaan 24 ol ta'an haala itti eegdota Jawaar waraana komaandoo mootummaan erge irrraa marsanii eegan. Yeroo kana waraanni komaandoo eegdota Jawaar irratti dhukaasuuf yaalii cimaa gochaa fi mormii ulfaataatu ture jedhama.
Kanumaan wal qabatee odeeffannoo qabnuun komaandoon raadiyoo wal quunnamtii osoo hin taane bilbila moobaayilii(sochootuudhaan) ajaja yeroo fudhatu ishi doktar, ishi Doktar, ishi doktar(tole jechuu dha, kan ajaajaa jiru Dokatara akka ta'es ni ibsa)
jecha jedhu deddeebisee dubbachaa akka turee fi warra cinaa isaa jiranitti naanna'ee usuusaa akka tures gurri dhagahe nutti himeera. Doktarichi ajajni dabarse doktara yaalaa osoo hin taane, doktara rasaasaa akka ta'ee fi eenyu akka ta'es nu dhiisii duudaanuu ni tilmaama.
🛑LAKKOOFSA 6: Jaala Saajin Magarsaa kan ta'e poolisiin oromiyaa tokko huccuu Saajin Magarsaan ofirraa lafatti darbate akkuma xiyya diimaan agarsiifne kanatti gadi jedhee kaasaa jira. Saajin Magarsaan huccuu fi mallattoo poolisummaa ofirraa kan darbate battala mookfamuu isaa fi
jaallan isaatiin Jawar fa'aa irratti tarkaanfiin hidhannoo hiiksisuu fi of harka galchuu galeefitti dha. Daqiiqaa sanaan booda pooolisoonni oromiyaa achi jiran hundi miira keessa akka galanii fi qaweee isaanii qiyyaafatanii akka dhukaasni calqabame warri achi ture nutti himeera.
🛑LAKKOOFSA 7 fi 8: haala itti Magarsaan huccuu ofirraa baasee galma keessa oliif gadi aariin of dadarbachaa, imimmaan harcaasaa, "nan du'a malee warra haqa sabaa dabsu waliin hin hojjedhu" jechaa ture odeeffannoon argannee fi suurri ni ibsa. Hubadhaa: - Bakki magarsaan jiruu
fi itti ajjeefame galma keessa yoo ta'u bakki eegdonni Jawar jiran immoo akkuma suura irratti argitan galma irraa hedduu fagoodha, osumallee waraana kana hunda bira darbanii magarsaa ajjersanii harkaan hudhan jechuudha waan qawween irraa hiikameef.
Magarsaan garuu kan du'e qawween ta'uu mootummichiyyuu ibseera.
🛑LAKKOOFSA 9 : Suura reeffa Haacaaluu fi haadha manaa Haacaaluu reeffatti maxxantee boochuu fi fodda konkolaataa keessaan shufeerri reeffa fe'ee dhufes xiqqoo ni muldhata.
Suurichi reeffi haacaaluu heelikooptaraan osoo hin butamiin dura jechuud dha. Shufeerri kuni eenyuun akka qophaa'ee fi hardha eessa akka jirus rabbitu beeka. Egaa dhugaan jiru kanuma, soba tokkollee kan hin qabne suuraan kan deeggarame dha.”
‼️Ergan kun Sonaa(Bisraat Baay'isaa) irraa dhufe! Galatoomi dhiiro‼️

‼️‼️RAGAAN KUN ODEEFFANNOO ANI BILBILAAN HORDOFAA TUREE FI HIDHAMUU JAWARIIN DURA SA’A 1 HAALA TURE WALIIN WALQABATEE ANI MAXXANSEEN WALSIMA!‼️‼️
Missing some Tweet in this thread? You can try to force a refresh.

Keep Current with Hᴇɴᴏᴋ G. Gᴀʙɪsᴀ

Profile picture

Stay in touch and get notified when new unrolls are available from this author!

Read all threads

This Thread may be Removed Anytime!

Twitter may remove this content at anytime, convert it as a PDF, save and print for later use!

Try unrolling a thread yourself!

how to unroll video

1) Follow Thread Reader App on Twitter so you can easily mention us!

2) Go to a Twitter thread (series of Tweets by the same owner) and mention us with a keyword "unroll" @threadreaderapp unroll

You can practice here first or read more on our help page!

Follow Us on Twitter!

Did Thread Reader help you today?

Support us! We are indie developers!


This site is made by just two indie developers on a laptop doing marketing, support and development! Read more about the story.

Become a Premium Member ($3.00/month or $30.00/year) and get exclusive features!

Become Premium

Too expensive? Make a small donation by buying us coffee ($5) or help with server cost ($10)

Donate via Paypal Become our Patreon

Thank you for your support!